Haala Deemaa Jiru Irratti Hubannaa Barbaachisu.( Kumkummee Sirbaa Irraa)

Haala deemaa jiru irratti hubannaa barbaachisu

Kumkummee Sirbaa Irraa

Haala siyaasaa biyya Itophiyaa jedhamtu keessatti deemaa jiru hubachuuf hayyuu siyaasaa tahuu hin barbaachisu. Namni sammuu hubatuu fi ija argu qabu, waan ija namaa duratti, lafa irratti, mul’ataa jiru haaluu hin danda’u. Haalli siyaasaa biyya Itophiyaa shakkii tokko malee jeequmsa guddaa keessa seenee jiraachuun mirkanii dha. Kun jala sararamee beekamuu qaba. Maaltu dhalateetu waan haaraan jira jetta nama jedhuuf:

  1. Sadaasa 2015 irraa jalqabee ummatni Oromoo (keeessaahuu Qeerroo fi Qarreen) waggaa tokkoof sochii wal irraa hin citne isaan agarsiisan mootummaa Wayyaanee hundeedhaan raasee bakkatti akka hin deebine taasise. Sochiin kun mootummaan Wayyaanee akka humna isaa fixate dirree baasee mul’ise. Ummatni Oromoo walii hin galu kan jedhamaa ture bitaa fi mirgaa, kaabaa fi kibbbaa, magaalaa fi baadiyyaa ka’ee dhaadannoo wal fakkaataa dhageessise. Kana malees Gartuuleen siyaasaa harki wayyabi afaan tokko dubbachuu eegalan. Kun siyaasaa biyya sanaa keessatti dhaga’amee kan hin beeknee dha. Uummatoota wayyaba Amaaraa fi Oromootu wal tumsuu eegale. Kun waan haaraa dha. mitii?
  2. Gootummaa hiriyaa hin qabneen sochiin ummatni Oromoo du’a sodaachuu dhiisee qabsoo godhe murnoota gariif utubaa itti irkatan hin sodaachifne taheera. Dhaabni akka OPDO sochii har’a godhaa jiruuf kan onnee kenneef irree ummata Oromoo kana dha. mitii? Sabboontoti ilmaan Oromoo dhaabicha keessa jiran quuqama hin qaban jechuu osoo hin taane seenaa OPDO keessatti yeroo duraaf haga taheefuu gara ummata Oromoo goranii sochii kan agarsiisaa jiran ummata Oromoo abdachuu irraa akka tahe hubatamaa dha. Warreen ‘akka OPDOn afaan sabboonummaa Oromoo akka dubbatan taasisaa jiru Wayyaanee dha’ jedhan akkamitti wayyaaneen waan ishee miidhu sochii guddaa hanga kana gahu akka godhan karoorsiti ? gaaffii jedhu dhiheessun gahaa taha.
  3. Har’a mootummaatu ummata bulchaa jirutti duulee ajjeesaa fi naannoo irraa buqqisaa jira. Ummatni yeroo qabeenyaa fi qe’ee isaanii irraa buqqa’an mootummaan calisee ilaalaa jira. Kun hibboo miti. Waan Wayyaaneen qabsoo Oromoo gara dabarsuuf na gargaara jettee karoorsitee itti jirtu dha. Tarkaanfii abdii kutannaa ti. Haa ta’uu ummatni Oromoo naannoo Somaalee keessaa buqqa’ee fi arihatamaa kan jiru biyyuma sabooti hundi sirna federaalaan alaabaa tokko jalatti bulaa jiran keessatti. Oromoon yoo lammii biyya Itophiyaa ti yeroo jedhamu Jijjigaa, Cinaaqsan, Togocaalee, Wardheer, fi kkf keessa jiraachuuf mirgi isaa heeraan eegamaa mitii? Kana caalaa iyyuu Oromooti kuma dhibbaan lakkaa’aman daangaama Oromiyaa keessaa qe’ee isaanii irraa arihataman. Akkamitti humni mootummaan leenjisee hidhachisee, mindaa kaffalee jiraachisu -liyuu-poolisiin- ummata Oromoo qe’ee isaa irraa buqqisa, ajjeesa. Ajjeesee ammoo jabaadhu jedhamee badhaafama? Kun maal jechuu dha? Kun sirni bulchiinsaa fi siyaasaan biyya Itophiyaa diigamuu jeeqamuu hin argisiisuu?
  4. Har’a mootummoota naannoo fi federal gidduu walshakkiin jiraachuu dirreetti mul’ata. Bulchiinsa MNO fi Wayyaane gidduu,Bulchiisa mootummaa naannoo Amaaraa fi Wayyaanee gidduu, OPDO fi TPLF, ANDM fi TPLF gidduu walshakkiitu jira. Mootummaa giddu galeessatu sirna federaalummaa diigee keessaahuu Oromiyaa fi naannoo Amaaraa irratti dhiibbaa gochaa jira. Mootummooti naannoo lamaanii immoo birmadummaa naannoo isaanii kabajchiisuuf falma gochaa jiru. Kun siyaasaan EPRDF ittiin deemaa ture hundee dhaan jeeqamuu hin mul’isuu? Qaama mootummaa tahanii wal mormuu fi wal dura dhaabbachun Itiyoophiyaa keessatti siyaasaa haaraa dha. Lamaanuu ammoo wal cinaa jiraachuu itti fufanii jiru. Namooti garii jarri beekaa nu gowwoomsaa jiru jedhu. Kaan ammoo lakkii haalli siyaasaa fi akkaataan mormii siyaasaa Social media dhaan wal qabatee geeddarameera jedhu. Kanaaf qabsoo akkuma dur beeknutti eeguu hin qabnu bifa haaraan, yaada haaraa fi adda taheen ilaaluu fi xiinxaluu qabna.
    Haala olitti tuqne kana irraa kaanee maal jennee xumuruu dandeenya?
    – Haalli siyaasaa har’a biyya sana keessatti dhalatee jiru baayyee wal xaxaafi gaadi’aa dha. Gara inni itti deemu ammatti beekuun rakkisaa dha.

– Wayyaaneen rakkoo seenuu bartee, barri mootummaa ishee dhumachuu bartee waa tokko tokko gad dhiiftee karaa furmaatni itti argamu soquu hin dandeessu. Akkaataan uumaa fi amalli gartuu Wayyaanee kan godhuu isaaniif hin hayyamu. Walgahii baatii tokko ol fudhate Maqaleetti geggeessan booda murtii isaanii irraa kan hubatame akkuma duritti bulchuu itti fufuu dha. Kanaaf humna waraanaa bakka bakkatti bobbaasaa jiru.

– Sochiin OPDO haaromfamte gartuu LM faa waan jalqaban kana hagam itti fufuu danda’u? Waan labsa turanii fi jiran, abdii ummataa seenanii fi seenaa jiran hagam dalagaan argamsiisu? Caasaa waraanaa, tikaa, poolisaa, mana murtii( state machinery)dantaa Oromiyaa tiksuu danda’u harkaa qabuu? Moo karuma nagaa mo’uu dandenya jedhanii itti adeemaa jiru? Akka namooti garii jedhan dhuguma nama sobuu dhaaf haasa’u

Author: nama barri miite

Qabsaa'aniif hin du'an qabsoorraa dheessaniif du'arraa hin oolan! Guyyaan geenyaan duuti hin oolamtu waan ta'eef seenaa dalagii du'i du'a gootaa.

Leave a comment